Mee waan “TAAYIFOOYIDII fi TAAYIFASII” kana waa sinitti himaa, obsaaf hubannoon dubbisaa.
***********************
QABXII 1ffaa;
● “Taayifooyidii fi Tayifasiitu na qabate” yoo jedhamu hedduu dhageessu, nutis akkasuma dhageenya.
● Taayifooyidii fi Taayifasiin, gosa baakteetiyaa adda addaan kan dhufan, dhukkuboota garaa garaati malee, obbolaan lakkuu, kan yeroo mara harka wal qabatanii deeman miti.
● Akka tasaa (carraa xiqqoo taate) garuu lameenuu nama qabuu danda’u.
***********************
QABXII 2ffaa:
● Taayifooyidii kootu natti ka’e (dammaqe) yoo jedhamu dhageessanii ykn jettanii beektu ta’a.
● Taayifooyidiin garuu akka dhukkuboota nama waliin jiraatanii (chronic disease), akka dhukkuba asmii, dhukkuba sukkaaraa, dhukkuba dhiibbaa dhiigaa fi kkf kan nama keessa jiraatee, yeroo barbaade namatti dammaqu miti. Dhukkuba baakteeriyaan dhufu, kan altakkaa yoo nama qabate, yoo qorichi kennamu guutummaatti fayyamudha.
● Nama keessa taa’ee namatti damma osoo hin taane akka haaraatti garuu debi’ee akka haaratti nama qabachuu danda’a.
*****************
QABXII 3ffaa:
● Hospitaala, buufataalee fayyaa fi manneen yaalaa dhuunfaatti namoonnii yoo dhukkuba taayfooyidiin ykn taayifasiin, yokaan ammoo lameeniin akka qabman itti himama. Qorannoon dhukkuba taayfooyidiif godhamu gosa hedduutu jira. Kan biyya kanatti yeroo hedduu argamu garuu serologic test kan ‘Widal test’ jedhamu dha. Qorannoon kun gatiin isaa salphaa fi hojjachuun isaas kan hin takkisne dha. Biyyoonni sooreyyii hin taane akka biyya keenyaa kanaaf kan qorannoo isa kana fayyadaman.
● Qorannoon kun dhukkuna taayifooyidii ni argisiisa. Garuu dhukkuba taayifooyidii kan duraan nama qabee namarraa bades (fayye) poositivii (positive) godhee mul’isa. Kanaaf qorannoon ykn testiin kun posatiiva ta’e jechuun dirqama amma dhukkuba taayfooyidii qabna jechuu miti. Qabaachuus dhiisuus dandeenya. Kanaaf yoo qorannoon kun positive ta’u mallattoo dhukkubsataa (clinical correlation) waliin walitti dhufee malee, qofaa isaa odeeffannoo inni kennu ga’aa miti. Maal godhugaa “Kan qaban qabatanii fincaa’u” jedha Oromoon yoo mammaaku. Waanuma jiru malee qorannoo isa sirrii (kan akka taayifooyidiin amma nama qabee jiru sirriitti mul’isu), antigen test fi bacterial culture jedhaman humni keenya hin danda’u. Haa ta’u garuu waan jiru hawaasatti beeksisuun ammoo qarshii waan nun gaafanneef kana isinii barreesse. Naaf jiraadhaa!!!!
***********************
Fayyaan Faaya.
Leave a comment