Dhiita Gadameessaa

Dhiita Gadameessaa (uterine myoma) “ixii”
********************
Dhiitoon gadameessa irratti mul’atu shamarran umurii wal-hormaataa (waggaa 15 haga 49) keessatti argaman irraatti hanga dhibbeentaa 20% – 40% tti mul’ata.
Kunis naannoo gadameessa inni irratti mullattu irratti hundaa’uun gosa adda addaatti qoodama.
********************
Dhibee kana kan fidu kan hin beekamne yoo ta’eyyu; kanneen akka umurii wal-hormaataa, ijoollumaan laguun dafee dhufuu ,lammii gurraacha, furdina ykn cooma akka malee, foon cooma soorachuu, dhugaatii alkoolii fi kkf dhibee kanaan carraa qabamuu olkaasuu danda’u.
********************
Mallattoo:
Yeroo hedduu dhibeen kun mallattoo hin argisiisuu. Yoo mallattoo agarsiisu ammoo mallattoo akka: laguun shamarranitti baayyachuu, dhukkubbii gadameessaa, dhita’uu garaa fi kkf mul’isa.
********************
Miidhaa maalii geessisaa?
● Dhala dhabuu.
● Ulfa baasuu.
● Yeroo ulfaa ammoo: bishaan gubbeen yeroo malee dhangala’uu fi ciniinsuun yeroo malee (osoo guyyaan hin ga’iin) dhufuu, taa’umsi mucaa gadameessa keessa akka sirrii hin taaneen ta’uu, ciniinsuun irra turu, dhiiguu yeroo ulfaa fi da’umsa boodaa fiduu mala.
********************
Dhibeen kun kaanseri miti! Carraan inni gara kaansaritti jijjiramuus baay’ee baay’ee xiqqaa waan ta’ef YAADDA’UUN barbaachisaa miti.
Dabalataanis dhibeen kun du’aaf kan nama hin saaxileefi umurii waliin walqabate wayita laguun dhaabbatu ofumaafu baduu ni danda’a.
********************
Walumaagalatti mallattoo dhibee kana waaliin kan walqabate shamarran yoo ofirratti argan gara mana yaalaa deemuun barbaachisaadha.
********************
Fayyaan Faaya

Leave a comment

Design a site like this with WordPress.com
Get started